Sa'aatiin Obboo Shimallis Abdiisaa Toora Miidiyaalee Hawaasaa Irratti Falmii Jabaa Kaasee jira!
Suuraan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obboo Shimallis Abdiisaa dhiyoo kana miidiyaa dhunfaa isaanii irratti maxxansan, sa’aatii harka isaanii irratti hidhatanii mul’ataniin xiyyeeffannaa namoota hedduu harkisee jira. Akkuma suuraa irratti ifatti mul’atutti, sa’aatiin harka Pereezidaantichaa irra jiru kun moodeela beekamaa fi qaalii addunyaa Rolex GMT‑Master II “Root Beer” jedhamu dha. Sa'aatiin kun addunyaa irratti gatii qaalii qabaachuu isaatiin yeroo baay'ee namoota abbootii qabeenyaa dandeettii maallaqa jabaa qabaniin (biliyeenerootaan) kan kaawwatamuudha.
Gatiin gabaa sa’aatii kanaan dura itti gurguramaa ture fi yeroo ammaa kana doolaara Ameerikaa $106,405 akka ta’e ni tilmaamama. Kunis gara qarshii biyya keenyaatti yoo jijjiiramu tilmaamaan Qarshii Miliyoona digdama(20,000,000) ta’a.
Erga suuraan kun toora miidiyaalee hawaasaa irratti bal’inaan faca’ee booda, qeeqnii fi komiin jabaan namoota biraa ka’aa jira. Obboo Shimallis sa’aatii ROLEX gatii miliyoona hedduu baasu kanaan harka isaanii miidhagsanii argamuun isaanii, haala dinagdee yeroo ammaa biyyattii keessa jiruun qabeenya saba bal’aa qisaasessuu dha jechuun namoonni hedduun komii isaanii ibsaa jiru.
Lebaa hulaa ሌባ ሁላ 🤔
Down Down DhDUO!